Telegram Group Search
Forwarded from Guduunfaa📚
Firii(9).pdf
177 KB
Forwarded from Reading PDF (Getu Abera✟)
RICH_DAD,_POOR_DAD_FOR_TEENS_by_Robert_Kiyosaki_&_Sharon_Lechter.pdf
632.6 KB
Rich Dad & Poor Dad
👤 Robert T. Kiyosaki

📚 ENGLISH PDF
Page-121║Size-632KB
share💯share💯share
@Reading_pdf
@Reading_pdf
🔺JOIN🔺
#Fayyaa_Gadaamessa_Keessatti!

Fayyaa eeggachuun erga dhalatanii booda qofa osoo hin taane gadaamessa haadhaa keessatti kunuunsa godhamuu qabus of keessatti hammata.
Miidhawwan garagaraa yeroo ulfaa haadha tokko irra gahan fayyaa daa'imaa irratti dhiibbaa akka dhaqabsiisan beekkamaadha. Wantoonni haati takka yeroo ulfaatti soorattu fi dhugdu akkasumas hojiiwwaan isheen yeroo sanitti hojjattu kan daa'ima sana rakkoo irraan geessisu yoo ta'e egeree daa'imichaas dhukkuboota qaamaa gargaraa, rakkoowwan xiinsammuu adda addaa fi dhukkuboota sammuutiifis saaxiluu danda'a.
Rakkoo dhufu kana hanbisuudhaaf kununsaa fi of eeggannaa barbaachisu gochuutu barbaachisa.

#Kununsaa_fi_Of_eeggannaa haati ulfaa takka gochuu qabdu:
√  Hanga danda'ameen soorata Viitaaminiidhaan badhaadhe soorachuuf yaaluu.
√ Alkoolii dhuguu irraa of qusachuu.
√ Sigaaraa aarsuun hin barbaachisu. Dabalaatanis eddoo sigaaraan itti aarfamu irraa of fageessuu.
√ Hirriba gahaa rafuu.
√ Of dhiphisuu fi aaruu dhiisuu.
√ Hojii ciccimaa isaan miidhuu danda'u irraa of qusachuu.
√ Foon dheedhii nyaachuu dhiisuu.
√ Qorichoota daa'ima gadaamessa keessa jiru irratti dhiibbaa dhaqqabsiisu danda'an kamuu fudhachuu irraa of qusachuu.
√ Wantoota akka bunaa fi shaayii baayyisuu dhiisuu.
√ Hordoffii Ulfaa itti fufiinsa qabu gochuu.

Abbaan manaa fi maatiin biroos gama barbaachisu hundaan haadha daa'ima garatti baattu cinaa dhaabbachuu qabu.

👉 Durisinee fayyaa keenyaa fi maatii keenyaa eeggachuun baasii humnaa olii kan yaala dhukkubichaatiif bahu jalaa nu oolcha. Yaaddoo fi cabiinsa qor-qalbii jalaas nu barara!
🍊Fayyaan keenya qabeenya nutti qabnu hunduma irra ni caala.

Fayyaa hin dhabinaa!!
#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Namni tokko dhukkuba sammuu qabachuu isaa akkamitti beekuu dandeenya?

Namoonni dhukkuba qaamaa ( medical illnesses) yeroo dhukkubsatan akka dhukkubsatanii fi yaalli akka isaan barbaachisu ni beeku garuu warreen dhibee sammuu dhukkubsatan baay'een isaanii akka dhukkubsachaa jiran of irratti hin beekan ykn haalli isaan keessa jiran sun isaaniif mijaatadha. Kuni immoo isaan jaallatanii osoo hin taane amaluma dhukkuba sammuu gosa baay'eeti. Kanaaf namoonni yeroo hedduu namoota akkasii kanneeniif hubachuu dhiisuu malu.

#Agarsiistuwwaan dhukkuba sammuu( warning sign of mental illnesses)
• Haalli nyaata fi hirribaa olka'uu ykn gadi bu'uu
• Nama irraa adda of baasuu
• Dalagaawwan duraan hojjatan dhiisuu
• Humni gadi bu'uu
• Mirri abdii kutachuu fi gargarsa dhabuu itti dhaga'amuu
• Araada garaagaraa irratti bobba'uu
• Salphaatti aaruu, burjaaja'uu,fi dhiphachuu
• Maatii fi hiriyoota waliin wal loluu
• Amala dhaabbataa dhabuu
• Sagalee nama birootti hin dhaga'amne dhaga'uu
• Wantoota nama birootti hin muldhanne arguu
• Waantoota dhugaa hin taane amanuu
• Ofii fi nama biroo miidhuuf yaaluu
• Hojiiwwaan guyyaa guyyaan hojjatan dalaguu dadhabuu fa'a.
#Furmaata: Mallattooleen kunniin agarsiistuwwaan dhukkuba sammuu waan ta'aaniif yeroon gara mana yaala deemuun ogeessa yaala sammuu mariisisuun barbachiisaadha.

Fayyaa hin dhabiina!

Hospitaala Amaanu’el irraa.

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka hiikutti namni tokko fayyaadha jechuuf dhukkuba qaama dhabuu qofa osoo hin taane, fayyaa sammuu, hawaasaa akkasumas haafuraa (spritual health) yoo qabateedha. Kennaan guddaan Waaqayyoo irraa argannee sammuudha.
Sammuu malee qaamni keenya kamiyyuu dalaguu hin danda'u!!! Namni talallii dhukkuba sammuuf fudhate hin jiru( no one is immune of mental illness).kana jechuun Namni kamiyyuu saaxilamoodha jechuudha.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhiheenya kana akka ibseetti namoonni gara biliyoona tokkoo dhukkuba sammuu gara garaaf saaxilamaa jiru. Isaan keessaa parsantaa 10% qofatu furmaata (treatment) argate. Namoota Afur keessaa tokkoo dhukkuba sammuu qabaachuu qorannoon adda addaa ni ibsu!!!

Fayyaa Sammuu hunda keenyaf!!!
Monenus Teshome Hordofa
Ogeessa fayyaa sammuu

#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
#Namni-tokko "sammuun dhibame" jechuuf dirqama qullaa buusuu qabaa? Hin qabu.

Dhibee sammuu wayita jedhamu huccuu ofirraa gatanii qullaa daandii irra fiiguu qofa kan itti fakkaatu ni jiraam! Namoota qullaa buusaanii daandii irra jiraatan kanaaf iyyuu namoonni gaaffii waliif dhiyeessan ni jiru. Fakkeenyaaf namni dhibee sammuu qabu tokko daandii irratti lubbuu isaa oolfachuuf konkolaataa jalaa yoo baqate, namni kun “Sobeetu malee utuu dhibameera ta’ee jalaa hin dheessu ture”, jedhuun.
Namoota muraasaan immoo yoo doorsifamee sodaate “Elaa, lubbuu isaa beekaam!” jedhuun itti ga’isuun kanuma jirtu.
Qullaa buusuun qalbii darbuu utuu hin taane mallattoo dhukkuba sammuu keessaa isa tokkodha. Yeroo baay’ee namoota yeroo dheeraaf dhukkubsataniifi battala dhibaman irrattis darbee darbee mul’achuu danda’a. Namoonni fayyaa ta’anii wayita akka malee aaran (danfan) uffata ofii isaanii ofirratti ciranii gatan, yookiin qullaa buusanis jiraachuu malu.
Haa ta’u malee qorannooleen garaagaraa akka ibsanitti, dhibee sammuu jechuun namni tokko dandeettii waan tokko hubatee raawwachuu, fedhii yookiin amala isaa duraa irratti jijjiiramni haaraan ifa ta’e yoo jiraatedha. Kana jechuun miiraafi dandeettii kanaan dura qabu yoo dhabe yookin yoo gad bu’e jechuudha. Jijjiiramni kunis hojii guyyaa guyyaa, jireenya hawaasummaafi walitti dhufeenya namoota waliin qabnu irratti rakkoo fidaa jira yoo ta’e sammuun miidhamaa jiraachuu agarsiisa.
Namni tokko dhukkuba sammuu qaba jechuuf waan huccuu ofirraa baaseef qofa osoo hin taanee, ulaagaafi mallatoolee agarsiiftuu dhukkuba murtaa’ee tokkoo qabaachuuf dhiisuun adda baha.
Fakkeenyaaf giinga’uu, sireerratti fincaa’uun, araadaan qabamuu, miiraa saal-qunnamtii dhabuu yookiin humna ol qabaachuun, waanuma salphaaf dhiphachuunii fi wantoota biroo akka hawaasa keessatti akka fayyummaatti ilaalaman garuu mallattoo dhukkuba sammuu ta’an kaasuun ni danda’ama.

Kanaaf namoonni keenya ykn maatiin keenya yeroo jijjiiramni amalaafi of to’achuu dadhabuu kana malees rakkoo sammuu isaan muudatu gara ogeessa yaala sammuutti fudhachuun ogeessa mariisisuun barbaachisaadha. Hanga qullaa buusanitti eeguun gaarummaa hin qabu. Namni hundiyyuu yoo yeroon yaalame fayyuu ni danda’a. Kana hundaaf hubannaa uumuun fayyaalessummaa dhuunfaa keenyaati.
Kana qofaa osoo hin taanee, namoonni dhibee sammuu qaban akka nama miidhaniifi hamoo ta’aniitti yaaduun ni jira. Garuu kan miidhaa geessisan namoota dhibee sammuu qaban muraasa qofa.

#join
@sammuukoof
@sammuukoof
Dhibee Malee Dhukkubsachuu (Somatic Delusion)

Namoonni dhibee gosa kanaa qaban osoo hin dhukkubin rakkina qaamaa akka qaban amanu.
Bocni qaama kootii sirrii miti jedhu.
Afaan koo foolii badaa qaba jedhu
Qaamni koo rifeensa fixate jedhu
Qaama koo keessa waatu deema jedhu.
Yoo tarii namni isaan ilaale foolii kootu nama jeeqa jira jechuun of dhiphisu.
Dhibee na ajjeesutu na qabate jechuun dhama’uu fi kkf
Sababa kanaaf yeroo hedduu mana yaalaa deemuun ilaalamuu jaalatu, garuu dhibee homaatuu hin qaban. Namoonni dhibee kana qaban yeroo baayyee rakkoo gara garaatiif saaxilamu. Qorannoo hin barbaachifne yeroo baay’ee qoratamu, qabeenyaa fi xiinsammuun isaanii ni miidhama. Kanaaf xiyyeefannaan ilaaluun yaalamuun dirqama ta’a.

Barnootaa waa'ee sammuu argachuuf.

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Namoonni akkamitti araada keessatti kufuu danda’uu?
Miira ofii si’eessuu yookaan jijjiiruuf
Na gammachiisa jedhanii waan yaadaniif
Ilaalanii deebi’uudhaaf
Hojii isaaanii irratti xiyyeeffannoo argachuuf.
Dhiibbaa hiriyootaan/naannoon
Miseensa maatii fakkeenya fudhachuun
Hirriba ofirraa dhorkuuf.
Dhukkubbii irra fayyuuf (pain relief)
Miidhaa isaa irraatti beekumsa dhabuun
Bifa salphaa ta’een waan argataniif
Hariiroo namoota waliin qaban cimsuuf
Ofitti amanamummaa daran cimsachuuf
Nama gammachiisuuf yookaan hiriyoota isaanii waliin turuuf.
Jireenya isaanii keessatti irra deddeebbiin kuufaatii yoo galmeessan gadda isaanii araada keessa dhokfachuuf.
Miira saal-qunnamtii keenya dabala jedhanii waan yaadaniif.
Rakkoo maatii keessa jiru irraanfachuuf.

Kitaaba fayyaa sammuu keessaa kan fuudhame.

Tolasaa Burqaa Ogeessa fayyaa sammuu Xiinsammuufi hawaasummaa (MHPSS Officer)

Join.
@sammuukoof
@sammuukoof
Of Jalatti Fincaa'uu!( #Bedwetting)

Rakkoon kun sababa ujummoon fincaanii yeroo hirriba keessa jiran fincaan too'achuu dadhabuutiin dhufa. Daa'imman keessatti balinaan kan argamu ta'us darbe darbee dargaggoota fi nama guddaa keessattis ni mul'ata.

Rakkoo kana akkamitti hir'suu dandeenya?

√ Yeroo gara hirribaa deemuf jedhanitti bishaani fi dhangalaa biroos dhuguu dhiisu ykn xiqqeessu.
√ Alkoolii, Buna fi shaayii hirriba dura fudhachuu dhiisu.
√ Rafuu keenyan dura Fincaa'uu.
√ Wantoota yeroo hirribatti nu dhiphisan furuu.
√ Ofitti amanamumma cimsuu.
HUBANNOO:
Of Jalatti Fincaa'uun sababa dhukkuba biratiif akkasumas rakkoo xiinsammuutin wal qabatee nama muudachuu waan danda'uuf baayyee kan nu rakkisu taanan mana yaala deemani yaala barbaachisu fudhachuun gamnummaadha!

Fayyaa hin dhabiina

Join
@sammuukoof
Namni Sigaara Aarsu hin Dolloomuu.
Sababiin isaa Dafee Du'a.
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
No one is immune to mental health struggles. It's a reminder that we all need to prioritize our mental well-being.

Dammaqsituun fayyaa sammuuf kennamu hin jiru.
Kanaaf hundi keenyi sammuu keenyaaf dursa kennuu qabna kan jennuuf.
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Forwarded from FAYYAA SAMMUU
Milkaa'inaafi kufaatii

Kutaa_2ffaa

Akka yaadnu kanatti addunyaa kana dhuunfachuu hin dandeenyu garuu tajaajillee darbina.
Kanaaf tajaajila kennitu keessatti Jagnummaadhaan warra kaan caaltee argamuu qabda. Waan ati hojjettu marti maamilakee gammachiisuufi ofitti harkisuu qaba. Yoos dorgomaa cimaa ta'uu dandeessa. Dorgommiin immoo dafqaa irra darbee hanga dhiiguutti wareegama si kanfalchiisuu mala. Kanaaf dorgommii dura injifachuuf abdii qabaachuu qabda. Yoo abdii qabaatte yaaddoof hin saaxilamtu. Nama biraaf hojjechuu irratti yerookee hin qisaasessiin. Dhugaa dubbachuuf ani ofiikoofan hojjedha.
Yoo ofiikoofan hojjedha ta'e milkaa'inni namoota biraas na gammachiisa. Sinis si gammachiisa.

👍👍👍kutaa 1ffaa dubbisuu hin dagatiin
Itti fufa.
Join 👇
@sammuukoof
Dhiirotni hin fuune Shamarree kana yoo argitan..
1. Durba nama kamiyyuu biratti akka si jaallattu dubbachuudhaf kan ija hin laafne.
2. Durba fageenya kamirayyuu yoo jiraatte sirrati nama kan biraa kan hin daballe.
3. Durba akka hiriyaatti utuu hin taanee, akka abbaa manatti si kabajju.
4. Dubra akka Mootitti si kunuunsitu.
5. Durba hojii kamiyyuu, salphaa illee yoo ta'e sababii yaadakee kabajju qofaaf dursitee si mariisistu.
6. Durba hojjettee jijjiiramuutti kan amantu.

Kan harka jirtu waan kana hunda keessa 4 ol yoo qabaatte qabaa tolchi.
Yoo naannookee jiraatte ijakee banii ilaali.
Namni siif ta'u faanakee jala jiraachuu danda'a.
Wan sadii qofaan waan gaa'illikee borii jannata ta'uu hin danda'u.

#Waan namni biraan akka siif godhu barbaaddu dursii namaaf godhi.

Hospitalaa Amaanu’el irraa

Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Baga ayyaana du'aa ka'uu geessan!
Ayyaana nagaafi jaalalaa isiniif haa ta'u.
Fayyaa sammuu fayyaa hunda keenyaati.

#Join
@sammuukoof
@sammuukoof
Hammina dhibee Mukaa'uu.

Kutaa 1ffaa
Yeroon isaa gara galgalaa ture. Biiftuun lixuudhaaf ifa ishee xiqqeesitee mukkeen irraan balaqeessutti jirti. Qilleensi isaa hedduu cimaa hin turre, keessa deemuudhaaf baay’ee nama hawwata. Mooraan Yuunibarsitii Haramayaa barattootaan guuteera. Hundi isaaniituu fiigicha irra waan jiran fakkaatu. Kaaffeen barattoonni nyaata itti sooratan banamee daqiiqaan 30 caalaan waan darbe miti. Barattoonni baay’een gara Kaaffeetti imaluu irra jiru. Kanneen biroo immoo gara mana dubbisaatti, kaan isaanii iddoo kubbaan itti taphatamuu fi ispoortiiwwan garagaraa itti hojjataman keessaa mul'atu. Biliseenis Yuunibarsiitii Haramayaatti barattuu Muummee Injenaringii Ijaarsaa (Civil Engineering)ti. Guyyaa kana uumama ilaaluun itti toleera. Hiriyyaa ishee Marartuu wajjiin teessee of duubatti deebitee bu'aa ba'ii ulfaataa waggaa lamaan darban keessa dabarsite yaadachuu eegalte. Yaadaan gara duubaa deemanii “cillim” jedhan. Dukkana yaadaa keessa galaana yaadaa waliin seenanii bahuu dadhaban. Biliseen yeroo nyaara gudunfitee fuula guurtee, ija diimeffatee “Ani” jettee eegaltu. Marartuun qalbiin ishee butamee “haa” jettee akkuma afaan ishee xiqqo saaqxetti jirti. Baalleen ijashee walirraa banamee ijji ishee jechoota afaan Biliseefi sochii miirashee riitimii eegee faana weeddisaa jira. Gurra isheen hiriyaasheef ergifte sun utuu boombiin dhoo’ee dhagahuuf yeroo hin qabu.
...
....
Itti fufa.

Reaction (like)15 ol yoo argatte. Itti fufee dhiyaata.

Tolasaa Burqaa
Hospitaala Amaanu’el irraa.

#join
@sammuukoof
@sammuukoof
Hammina dhibee Mukaa'uu
Kutaa 2ffaa.

Biliseen barumsa ishee waggaa 1ffaa xumurtee ganna
gara maatiitti yeroo deebitetti ture, guutummatti
waanti amala isheen kanaan dura qabdu irraa adda ta'e
irratti mul'achuu kan eegale. Gaddi humnaa olii kan
sababa hin qabne suutuma suutaan jireenya ishee
too'ataa dhufe. Wantoonni kanaan dura ishee gammachiisan gammachuu isheedhaaf laachuu
dhiisanii jiru.Jireenyi ishee osoo
isheen hin feene abdii
kutannaadhaaf harka qabee ishee laate. Hirribni ishee
irraa baqachuudhaan hirriba tasgabayaa rafuun hawwii
qofa jalaa ta'e. Hariiroon isheen namoota wajjiin duraan qabdus
guutummatti
geeddarameera.
Namootatti hin dhiyaattu, kophaa dabarsuu filatti. Biliseen duraan
tattaafattuufi of qabduu turte. Erga mallattoon kun
irratti mul'achuu eegalee qulqullinna ofii eeggachuus
dhiistee jirti. Waanti isheen balleessite tokkos osoo hin
jiraatin akka waan yakkamtuu taateetti of yaaddi.
Rakkoo ishee mudate kanaaf maatii fi ollaan ishees
hedduu dhiphatanii waan danda'an hundaanis ishee
wajjiin ta'uudhaaf yaalaa turan. Garuu mukuun kun
ishee gadi dhiisuu hin dandeenye.
Osoma bifa kanaan jirtu yeroon gara kampaasitti
deebi'an itti dhiyaataa dhufe. Gara Yuunibarsitiitti
deebi'uudhaaf kaka'uumsa dhabdee jirti. Deemuu
dhiisudhaaf maatii fi namoonni naannoos akka isheen barumsa addaan kuttu hin barbaadan. Gaafa guyyaan
waamichaa ga'u filannoo biraa waan dhabaniif abbaa
ishee wajjiin ta'anii gara Kampaasichatti imaaluudhaaf
dirqaman. Erga mooraa gahanii booda abbaan ishee
hiriyyoota isheetti waan jiru hundaa itti himee karaa
maraan ishii bira akka dhaabbatanii jajjabeessanii fi
yoo wanti addaa jiraate immoo bilbilaan akka wal
hubachuu danda'an haala mijeessee gara manaatti
deebi'e. Gara mooraatti deebitee yeroo muraasa booda
barumsaaf asii achi figuun itti ulfaachaa dhufe.
Abbaltiin garagaraa baayyachuu fi qorumsoonni
qoraman hedduun ciccimaa ta'uun rakkinni Bilisee
daraan akka itti hammatu taasise. Boodarra daree
barnootaa deemuudhaafis guutummatti kaka'uumsa
dhabde. Abdii kutannaan jireenya ishee weeraree fudhate. Jiraachuudhaaf sababa dhabde! Kana irraa
ka'uun du'uun akka waan furmaata rakkoo ishee
ta'eetti yaaddi.
Bifuma kanaan osoo jirtu galgala guyyaa dilbataa tokko
wanti hin eeggamne ta'e. Hiriyyoonni Bilisee hunduu
dubbisuudhaaf gara mana dubbisaatti deemanii jiru.
Biliseen kophaa ishee doormii keessatti haftee turte.
Halkan keessa naannoo saa'atii shanitti hiriyyaa
hedduu Biliseetti dhiyaattu kan taate Iftuun gara
doormitti yeroo deebitu waan ijji ishee argee amanuu
hin dandeenye tokkotu ishee mudate....

Itti fufa.

#join
@sammuukoof
@sammuukoof
"Why We Sleep" by Matthew Walker delves into the science of sleep and its critical role in our health and well-being.

Here are ten lessons from the book:

1. Sleep is Essential for Health: Sleep is not a luxury; it is a fundamental biological need crucial for physical, mental, and emotional health. Prioritize getting enough high-quality sleep each night.

2. Understand the Stages of Sleep: Sleep consists of different stages, including non-REM (rapid eye movement) and REM sleep, each serving essential functions for memory consolidation, cognitive function, and emotional regulation.

3. Consistency Matters: Maintain a consistent sleep schedule by going to bed and waking up at the same time every day, even on weekends. Consistency helps regulate your body's internal clock and improves overall sleep quality.

4. Create a Sleep-Friendly Environment: Optimize your sleep environment by keeping your bedroom cool, dark, quiet, and comfortable. Minimize exposure to light and noise, and consider using blackout curtains, white noise machines, or earplugs if needed.

5. Limit Exposure to Screens Before Bed: Avoid exposure to screens (phones, tablets, computers, TVs) before bedtime, as the blue light emitted can disrupt your body's natural sleep-wake cycle and interfere with your ability to fall asleep.

6. Limit Caffeine and Alcohol: Limit consumption of caffeine and alcohol, particularly in the hours leading up to bedtime. Both substances can disrupt sleep patterns and reduce sleep quality, leading to fragmented or shallow sleep.

7. Regular Exercise Promotes Better Sleep: Engage in regular physical activity, as it can promote better sleep quality and duration. Aim for at least 30 minutes of moderate exercise most days of the week, but avoid vigorous exercise close to bedtime.

8. Practice Relaxation Techniques: Incorporate relaxation techniques such as deep breathing, meditation, or gentle stretching into your bedtime routine to help calm the mind and prepare your body for sleep.

9. Limit Napping: If you struggle with nighttime sleep, limit daytime naps to 20-30 minutes and avoid napping late in the afternoon or evening, as it can interfere with your ability to fall asleep at night.

10. Address Sleep Disorders: If you consistently have trouble sleeping or experience symptoms of a sleep disorder such as insomnia or sleep apnea, seek medical evaluation and treatment. Addressing underlying sleep disorders is essential for improving overall sleep quality and health.

These lessons from "Why We Sleep" shed light on the importance of prioritizing sleep and adopting healthy sleep habits to optimize physical, mental, and emotional health.

#via_ Monenus Teshome ( mental health specialist ) from Jimma hospital

#join here
@sammuukoof
@sammuukoof
Hammina dhibee Mukaa'uu
Kutaa 3ffaa

Biliseen siree irraa lafatti kuftee jirti! Hoomachi afaan ishee keessaa jigaa jira. Yeroo kana argitu Iftuun of too'achuu hin dandeenye. Sagalee ishee ol kaastee iyyite! Namoonni birmataanii yeroo dhufanitti Biliseen hedduu laafteerti. Wantichi yaalii of ajjeesuuti! Meeshaan isheen qoricha keessaa dhugde lafatti kufee mul'ata. Hatattamaan osoo hin turre Ambuulasiin barrisaa dhuftee Bilisee du'aa fi jireenya gidduu jirtu gara hospitaala Caffee (Hiwoot Faanaa) tti qajeelchite. Yaala barbaachisu hunda argattee guyyaa lammaffaa isheetti of barte. Uumaa wajjiin ta'anii ogeeyyiin fayyaa lubbuu ishee oolchanii jiru. Erga isheen bayyanattee, jajjabaattee booda rakkina kanaan ishee gahe gadi fageenyaan akka ilaalamtuuf gara kutaa yaala sammuutti geeffamte. Kutaan kun kutaa dhukkuboonni sammuu itti yaalamaniidha. Hawaasa keessatti yeroo baay’ee dhukkubni sammuu gosa tokko qofa akka ta'etti hubatama. Kana irraa ka'uudhaan namoota rakkoon sammuu isaan muudate hundaayyuu bakkuma tokkotti "Maraataadha", "Maraattuudha", "Fayyaa hin qabu" fa'a jedhanii yeroo waaman ni mul'ata. Dhugaan jiru garuu isa kanaa miti. Dhukkubni sammuu gosoota danuu qaba. Mallattooleen isaanis garagara. Gara Biliseetti deebineerra. Akkuma gara kutaa yaala sammuu kanatti geeffamteen waa'ee rakkina fi dhukkuba ishee ogeessa yaala sammuu wajjiin bal'inaan irratti haasa'an. Dhuma irratti Biliseen dhukkuba sammuutiin rakkachaa akka turte mirkaneessan. Dhukkubni kun hawaasa keessatti bal'inaan kan argamuudha. Mallattooleen Bilisee irratti mul’achaa turan kanneen akka sababa malee humnaa ol gadduu, gammachuu dhabuu, abdii kutachuu, miirri yakkamaa itti dhagahamuu fi kanneen biroos mallattoolee mukuu cimaati.....

Itti fufa
Join
@sammuukoof
@sammuukoof
2024/05/16 05:56:42
Back to Top
HTML Embed Code: